ethiopia news

OBN Cyber Media OBN Cyber Media 07,2018: Gurmeessaa Ogummaa Harkaa 20 ol Kalaqee ‘Patent right’

Gurmeessaa Ogummaa Harkaa tokko kalaqoota 20 ol keessaa 6 irratti “Patent right” qaba; barnoota, taphni hojii fi rakkoo hawaasaa fura.

Abbaa kalaqa 20’tti.. Jahattimmoo mirga waa uumee (patent right’) argateera.. Ilma Abbaa Gadaati.. Godina Shawaa Bahaa Aanaa Dugdaatti dhalate.. Barnootasaa sadarkaa jalqabaas achumatti barate.. Barsiisaa Gurmeessaa Goobanaa ilma Abbaa Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaati.. Kalaqoota 20 ol kalaqe keessaa 6 mirga abbaa qabeenyummaa waa uumee yookaan ‘Patent right’ itti argateera.. Yeroo ammaa Yuunivarsiitii Arsiitti Barsiisaafi gorsaa dhimmaa dandeettii waa kalaquu baratootaadha.. Akkasumas Walitti qabaa itti aanaa waldaa abbootii kalaqaa Oromiyaattis.. Gurmeessaan daa’imummaa isaa irraa eegalee qoosaafi

taphni isaa hojii bobbocaa ta’uu hima.. Meeshaalee ittiin taphatus meeshaalee gatamaan irra ofumaa qopheeffata.. Barnoonni Ogummaa harkaa mana barnootaatti barsiifamu milkaa’ina isaa ammaaf daandii ta’e.. Barnoota Ogummaa harkaa qabxii gaarii itti argachuuf jecha kalaqoota addaa hojjetee geessaa akka ture fa’a yaadata.. Yeroo sana yaaliifi Ogummaan harkaa isaa kanneen rakkoo hawaasaa furan irratti xiyyeeffachuun immoo hojii Ogummaa harkaa barattoonni biroo geessaniin adda godha.. Meeshaalee Elektirooniksii gataman fa’aa irraa maddoota ifaa qopheessee geessa.. Ogummaafi kalaqni Gurmeessaa hiriyyootaafi

barsiisota isaa biratti jaallatummaa argachuu irraa kan ka’e yaadni isaa gabbattee akka milkaa’uuf, manni barumsaa isaa kutaa yaalii keessatti Ogummaa isaa akka gabbisuuf hayyameefi.. Yeroo kutaa 11fi 12ffaa baratu maashinoota rakkoo hawasaa furan irratti xiyyeeffate.. Kalaqoonni Gurmeessaa rakkoo qonnaan bultoonni yeroo sanyii facaasaniifi kunuunsan akkasumas walitti qaban kan furuudha.. Kalaqoonni Gurmeessaa ka’umsi isaa mana barumsaati.. Hojiisaa kanaanis dorgommii biyya keessaafi biyya alaatti qopha’an irratti hirmaachuun injifataa akka ture hima.. Gurmeessaan yeroo ammaa kalaqoota rakkoo hawaasaa

furan 20 ol kalaqe keessaa, gosa 6 irratti abbummaa kalqaa yookaan ‘Patent right’ qaba.. Kalaqoota isaa kanaan dorgommii 20 ol irratti hirmaatee akka injifate hime.. Gurmeessaan yeroo ammaa Yuunivarsiitii Arsiitti Barsiisaafi gorsaa dhimmaa dandeettii waa kalaquu barattootaadha.. Jireenyaa Yaaataatu gabaase.

OBN Cyber Media, patent right, Gurmeessaa, ogummaa harkaa, kalaqoota, dorgommii, Yuunivarsiitii Arsi

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Are you human? Please solve:Captcha


Secret Link